Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
10 verses
1Waa'ee isa jalqabaa jalqabee ture, sagalee jireenyaa sanaa isiniif in caafna. Nuyi isa dhageenyeerra, ija keenyaan isa argineerra, ilaallees harka keenyaan isa qaqqabanneerra.
2Jireenyichi mul'ifameera; nuyi isa argineerra, isaafis dhugaa in baana; jireenya bara baraa isa abbaa bira ture, nuttis mul'ifame kana isinitti in himna.
3Isinis nuu wajjin tokkummaa akka qabaattaniif, isa arginee fi isa dhageenye sana isinitti in himna; tokkummaan keenya immoo abbaadhaa wajjin, ilma isaa Yesus Kristosii wajjinis.
4Kana hundumaas gammachuun keenya guutuu akka ta'uuf isiniif caafna.
5Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa isa keessa hin jiru; ergaan nuyi isa irraa dhageenyee isinitti himnus isuma kana.
6Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabna jennee dukkana keessa yoo deddeebine, in sobna; akka dhugaa sanaattis hin jiraannu.
7Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa.
8Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru.
9Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.
10Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.