Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
21 verses
1Yesus kun Masiihicha ta'uu isaa namni amanu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti; isa dhalche sana namni jaallatu isa abbichattii dhalates immoo in jaallata.
2Waaqayyoon yommuu jaallannu, abboommii isaas yommuu goonu, ijoollee Waaqayyoo jaallachuu keenya in hubanna.
3Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba'aa ulfaatoo miti.
4Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo'amu kunis amantii keenya.
5Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a.
6Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana; innis Yesus Kristos. Inni bishaan duwwaadhaan miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee. Hafuurri qulqulluun kana dhugaa in ba'a, hafuurichi dhugaa dha.
7Dhuga-baatuu sadiitu jira.
8Isaan kunis hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba'u.
9Isa namoonni dhugaa ba'an kan fudhannu erga taanee, inni Waaqayyo dhugaa ba'u immoo in caala. Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaatiif dhugaa ba'ee dha.
10Namni ilma Waaqayyootti amanu, dhugaa kana of keessaa qaba; namni Waaqayyoon hin amanne garuu, isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba'e waan amanuu dhiiseef, Waaqayyoon sobduu gochuu isaa ti.
11Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama.
12Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.
13Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe.
14Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti isa in amananna.
15Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga'u yoo beekne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beekna.
16Namni tokko obboleessi isaa cubbuu du'a [bara baraatti] isa hin geessine utuu hojjetu yoo arge haa kadhatuuf, Waaqayyo jireenya isaaf in kenna. Kunis warra cubbuu du'a [bara baraatti] isaan hin geessine hojjetan duwwaadhaaf ta'a; cubbuun du'a [bara baraatti] nama geessu jira; namni isa akkasii kanaaf haa kadhatu jechuu koo miti.
17Seera malee jiraachuun hundinuu cubbuu dha; garuu cubbuun du'a [bara baraatti] nama hin geessine jira.
18Namni mucaa Waaqayyoo ta'e cubbuutti qabamee akka hin jiraanne in beekna; ilmi Waaqayyoo isa in eega, inni hamaanis isa hin tuqu.
19Nuyi kan Waaqayyoo akka taane, guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna.
20Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna. Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana.
21Yaa ijoollee ko, waaqayyolii tolfaman irraa of eeggadhaa!