Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
18 verses
1Obboloota nana! Kana irraa kan hafe immoo Waaqayyoon gammachiisuudhaaf attamitti jiraachuun akka isin irra jiru barumsa nu irraa argattaniittu; akkuma amma itti jirtan iyyuu caalchiftanii akka itti fuftan maqaa Yesus gooftaatiin isin in kadhanna, isin in gorsinas.
2Waan gochuun isiniif ta'u maqaa gooftaa Yesusiin gorsa akka isiniif kennine in beektu.
3Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha.
4Dhiirri adduma addaan haadha manaa qabaatee qullaa'ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa beeku!
5Akka saba warra kaanii warra Waaqayyoon hin beeknetti kajeellaa dhagnaatti, hawwasaattis of hin kenninaa!
6Egaa namni kana irra darbee dubbii kanatti hiriyaa isaa hin gowwoomsin; gooftaan warra balleessaa akkasii hojjetan in adaba jennee duraan dursinee isinitti himneerra, dhugaa isinitti baaneerras.
7Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu waame.
8Egaa namni gorsa kana tuffatu, Waaqayyoon isa hafuura isaa qulqulluu isiniif kennu tuffata malee, nama tuffata miti.
9Waa'ee obboloota jaallachuu immoo isiniif caafuun barbaachisaa miti; wal jaallachuun akka isin barbaachisu Waaqayyo isin barsiiseera.
10Isinis kanuma duukaa buutanii obboloota guutummaa kutaa biyya Maqedooniyaa keessa jiran hundumaa in jaallattu; ammas immoo caalchiftanii akka itti fuftan isin in gorsina, yaa obboloota ko.
11Akkuma nuyi dur isinitti himnetti jireenya gabii jiraachuu, maayii keessan dhimma baafachuu, waan ittiin jiraattan argachuudhaaf harka keessaniin itti dadhabdanii hojjechuu ulfinatti lakkaa'adhaa!
12Akkasitti yoo jiraattan warra alaa biratti ija ulfinaatiin in ilaalamtu; waan isin barbaachisuufis harka nama tokkoo iyyuu hin eeggattan.
13Obboloota nana! Akka namoota abdii hin qabnetti akka hin gaddinetti, waa'ee warra obbaafataniif abdii jiru akka beektan in barbaanna.
14Yesus du'ee du'aa akka ka'e erga amannee akkasuma immoo Waaqayyo warra obbaafatan karaa Yesus, isumaa wajjinis deebisee akka fidu in amanna.
15Nuyi amma dubbii gooftaa keessaa waan arganne isinitti himuuf jenna; nuyi warri gaafa gooftaan deebi'ee dhufu utuu hin du'in jirru, warra obbaafatan dura hin buunu.
16Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu.
17Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.
18Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa!