Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
13 verses
1Kanaan si'a sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti; akkuma caafame, ?Dubbiin tokko dhuga-baatuu lama yookiis sadii irra in dhaabata?.
2Ani yeroon lammaffaa dhufetti warra kanaan dura cubbuu hojjetan, warra kaan hundumaas yoon deebi'ee dhufe akkan isaan hin qusanne qixaaxxadheera; akkuman qixaaxxadhe immoo, amma utuun isaan bira hin jiraatinis isaan nan qixaaxxadha.
3Kristos karaa koo akka dubbatu immoo, amansiisa barbaaddan hundumaa argachuuf jirtu; inni isin keessatti danda'aa dha malee, gara keessan kanatti dadhabaa miti.
4Inni dadhabbiidhaan fannifame, humna Waaqayyootiin garuu in jiraata; nuyis akkasuma isa duratti dadhaboota, garuu humna Waaqayyootiin, bu'aa keessaniif isaa wajjin in jiraanna.
5Amantiitti qabamtanii jirtu yoo taatan isinumti of ilaalaa! Of qoraa! Yesus Kristos isin keessa akka jiru dhuguma in beektuu ree? Yoo akkas ta'uu dhabaate isin qorannaa sanatti kufuu keessan.
6Nuyi garuu kanatti hin kufne; kanas akka isin beektan nan abdadha.
7Isin waan hamaa akka hin hojjenneef nuyi Waaqayyoon in kadhanna; nuyi waan kufne yoo fakkaanne iyyuu, isin immoo waan qajeelaa akka hojjettaniif malee, nuyi qorama sana darbuun keenya akka mul'atuuf miti.
8Nuyi dhugichaaf hojjenna malee, dhugicha irratti hojjechuu hin dandeenyu.
9Yeroo nuyi dadhaboo taane, isin immoo jaboo taatan in gammanna; akkasitti fiixaan akka baataniifis Waaqayyoon in kadhanna.
10Aboo isa gooftaan ittiin diiguuf utuu hin ta'in, ittiin ijaaruudhaaf anaaf kenneen yeroon gara keessan dhufu akkan isinitti hin hammaannetti, utuun isin irraa fagoo jiruu kana isiniif caafuu koo ti.
11Ammas obboloota ko nagaatti ta'aa! Karaa keessan qajeelfadhaa, waan nuyi isinitti dhageessifannu yaadatti qabadhaa, waliif galaa, nagaatti jiraadhaa! Waaqayyo inni jaalalaa fi nagaa qabu isinii wajjin in ta'a.
12Yaada qulqullaa'aatiin wal dhungachuudhaan nagaa wal gaafadhaa! Warri Waaqayyoof qulqullaa'an hundinuu nagaa isiniif dhaamu.
13Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u!