Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
12 verses
1Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos biraa, gara waldaa warra Tasaloniiqee isa kan Waaqayyoo abbaa fi kan gooftaa Yesus Kristositti caafame.
2Waaqayyo abbaan, Yesus Kristos gooftaanis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!
3Yaa obboloota ko, yeroo hundumaa waa'ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuun nu irra jira; amantiin keessan safara malee guddachaa, jaalalli hundumti keessan adda addaan waliif qabdan baay'achaa waan adeemuuf galateeffachuun keenya qajeelaa dha.
4Ari'atamuu keessan hundumaatti rakkina baattan keessattis obsaa fi amantii isin qabdaniif nuyi waldoota Waaqayyoo keessatti isiniin of in jajna.
5Kana danda'uun keessan immoo firdiin Waaqayyoo qajeelaa ta'uu isaa, isin immoo mootummaa Waaqayyoo isa amma dhiphachaafii jirtan kanaaf kan maltan ta'uu keessan in argisiisa.
6Waaqayyo wanta isa duratti qajeelaa ta'e in hojjeta erga ta'ee, warra isin rakkisaniif rakkinaan dugda in baasa.
7Isin warra rakkachaa jirtan immoo gaafa gooftaan Yesus ergamoota aangoo isaa wajjin waaqa irraa mul'atu nuyii wajjin kana jalaa isin in baasa.
8Gooftichi ibidda boba'aa wajjin in mul'ata; gaafas warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis in adaba.
9Isaan kun argaa gooftaa duraa, ulfina aangoo isaa duraas fageeffamanii badiisa bara baraatiin in adabamu.
10Kunis guyyaa inni qulqulloota isaa keessatti ulfina argachuudhaaf warra isatti amanan hundumaa birattis dinqiitti ilaalamuudhaaf dhufu sanatti raawwatamuuf jira; isinis isa nuyi isinitti dhugaa baane waan amantaniif warra sanatti in lakkaa'amtu.
11Kanaafis Waaqayyo keenya waamicha isaaf warra malan akka isin godhatuuf, gaarummaadhaafis hawwa gaarii hundumaa hojii amantiis humna isaatiin fiixaan akka baasuuf yeroo hundumaa isiniif in kadhanna.
12Kanaan maqaan gooftaa keenyaa Yesus isin biratti ulfina in argata; isinis akka ayyaana Waaqayyo keenyaatii fi akka ayyaana gooftaa Yesus Kristositti isa biratti ulfina in argattu.