Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
32 verses
1Egaa ani waa'ee hojii gooftaatiif hidhamee kanan jiru, waamicha isa itti waamamtan sanaaf akka ta'utti akka jiraattan isin nan gorsa.
2Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjin jiraadhaa, jaalalaanis waliif danda'aa!
3Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama'aa!
4Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko;
5gooftaan tokko, amantiin tokko, cuupphaan tokko.
6Waaqayyoo fi abbaan waan hundumaa tokkicha, inni waan hundumaa irra jira waan hundumaan in hojjeta, iddoo hundumaa jiras.
7Tokkon tokkon keenya garuu akka safara kennaa Kristositti ayyaana arganneerra.
8Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, ?Inni gara waaqaatti yeroo ol ba'e, boojuu booji'ee dhaqee, namootaafis kennaa kenne? in jedha.
9Amma, ?Ol ba'e? yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Dura biyya lafaa kana keessaa gara iddoo gadiitti gad bu'e jechuu dha.
10Isuma gad bu'e sanatu, waaqaa fi lafa ofii isaatiin guutuudhaaf bantiiwwan waaqaa hundumaa gara irraatti ol ba'e.
11Isumatus namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan waan Waaqayyo isaanitti mul'ise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota, kaanis barsiisota akka ta'aniif ture.
12Inni warra Waaqayyoof qulqullaa'an, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, [waldaa isa] dhagna Kristos sanas cimsuudhaaf kana godhe.
13Kunis hamma hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaqayyoo beekuu namoota ga'an taanee, guddannees safara guutummaa Kristos bira hamma geenyutti ta'a.
14Egaa nuyi si'achi ijoollee dha'aan asii fi achi rukutu, warra qilleensa barsiisa namoota axaarotaatiin, haxxumaa isaanii isa gowwoomsaadhaan raawwatamuunis fudhataman hin taanu.
15Kanaa mannaa jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, kottaa karaa hundumaan gara isa mataa nuuf ta'ee, gara Kristositti in guddanna!
16Isa jalatti bu'aan dhagnaa hundinuu wal fudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti qabsiifamaniiru; yeroo bu'aan dhagnaa adduma addaan tooraan hojjetuttis, dhagnichi in guddata, jaalalaanis of in cimsa.
17Egaa si'achi akka warra saba Waaqayyoo hin ta'iniitti yaada waa'ee hin baafne duukaa buutanii akka hin jiraanne maqaa gooftaatiin cimsee isinan gorsa.
18Isaan sammuun isaanii dukkaneeffameera; sababii Waaqayyoon beekuu hin barbaanneef, sababii mata-jabina isaaniitiifis jireenya isa Waaqayyo kennu keessaa gad baafamaniiru.
19Isaan of qabuu dadhabanii jireenya gad-dhiisiitti of kennaniiru; wanta nama xureessu hundumaa in hojjetu, in ga'as hin jedhan.
20Isin garuu Kristosin akkasitti hin barre.
21Silaa waa'ee isaa dhaga'uun keessan, akka dhugaa isa Yesus keessa jiruttis maqaa isaatiin barsiifamuun keessan hin oolle!
22Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan, isa kajeellaa nama gowwoomsuun manca'e of keessaa baasaa!
23Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa!
24Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!
25Kanaafis namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi bu'aa dhagna walii ti.
26Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin!
27Seexanaaf karaa hin kenninaa!
28Inni hatu deebi'ee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka danda'utti hojii waa'ee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee.
29Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in!
30Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa!
31Hadhaa'umaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu!
32Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!