Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
14 verses
1Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera.
2Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe.
3Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e.
4Kanaanis maqaan Waaqayyo isaaf kenne maqaa ergamootaa irra caalaa beekamaa akkuma ta'e, innis ergamoota irra caale.
5Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche? yookiis eenyuun, ?Ani isaaf abbaa nan ta'a, innis ilma anaaf in ta'a? jedhee beeka?
6Waaqayyo ilma isaa isa angafa waan hundumaa, gara biyya lafaatti yommuu erge immoo, ?Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadan!? jedhe.
7Waa'ee ergamootaa illee, ?Inni ergamoota isaa akka qilleensaa, warra isaaf ergamanis akka arraba ibiddaa in godhata? jedhe.
8Waa'ee ilmaa garuu, ?Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti.
9Ati qajeelina jaallattee jal'ina jibbite; kanaaf Waaqayyo kee, waaqayyichatu si dibee, dibata gammachuu kanaanis warra sii wajjin jiran irra si caalchise? jedhe.
10Ammas immoo, ?Ati yaa gooftaa, jalqabatti hundee lafaa jabeessiteetta, bantiin waaqaa hundinuus hojii harka keetii ti.
11Ati haftee in jiraatta; isaan garuu baduuf jiru, hundumti isaaniis akka uffataa in moofa'u;
12akka wayyaas isaan in marta, akka uffataas in geddaramu; ati garuu hin geddaramtu, waggoonni kees dhuma hin qaban? jedhe.
13Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ?Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti gara mirga koo taa'i!? jedhee beeka?
14Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree?