Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
14 verses
1Angafni lubootaa tokko, qooda namootaa ta'ee kennaa fi aarsaa cubbuu dhi'eessuudhaaf, namoota gidduudhaa kaafamee hojii nama Waaqayyoo wajjin walitti fiduu irra in dhaabama.
2Innis ofii isaatii dadhabbii akkasii jala waan jiruuf, warra wallaalotaa fi warra karaa irraa badaniif beekee, qabaa gaariidhaan isaan qabuu in danda'a.
3Sababii dadhabbii jala jiruufis akkuma cubbuu sabaatiif dhi'eessu, cubbuu ofii isaatiifis aarsaa dhi'eessuun isa irra jira.
4Akkuma Aaron waamame innis Waaqayyoon in waamama malee, namni tokko illee ulfina angafa lubummaa kana ofiin hin fudhatu.
5Kristosis akkasuma angafa lubootaa ta'uudhaaf mataa isaa ol ol hin qabne; garuu Waaqayyo isa, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche!? ittiin jedhe sanatu ulfina kana kenneef.
6Iddoo biraattis immoo, ?Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati bara baraan luba in taata? in jedha.
7Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.
8Utuma ilma Waaqayyoo ta'ee jiruu immoo, dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare.
9Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo, warra isaaf abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e.
10Waaqayyos akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ?Angafa lubaa? jedhee isa waame.
11Waa'ee isa dubbatame kanaaf waan jennu baay'ee qabna; garuu wanta dhageessan hubachuutti daagii waan taataniif, ibsuun rakkisaa dha.
12Isin yeroo kana barsiisota ta'uuf kan maltan turtan; amma garuu dubbii Waaqayyoo isa gara jalqabaa iyyuu nama hiikee isin barsiisu in barbaachise; qooda nyaata jabaa nyaachuus warra aannan dhuguun barbaachisu taataniittu.
13Namni aananiin jiraatu immoo, mucaa waan ta'eef, akka itti Waaqayyo duratti qajeelummaatti jiraatan isa barsiisu hin hubatu.
14Nyaanni jabaan garuu kan warra ga'anii ti; warri kun sammuun isaanii hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar baasuu in danda'u.