Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
21 verses
1Kana irraa kan hafes yaa obboloota ko, gooftaatti gammadaa! Wanta ani kanaan dura isiniif caafe caalaatti isiniif cimsuudhaaf, keessa deebi'ee isiniif caafuun ana hin dhibu.
2Warra maqaa dhagna-qabaatiin akka sarootaa foon dhagna namaa kukkutuudhaan hamaa godhan irraa of eeggadhaa!
3Nuyi garuu dhagna-qabaa isa dhugaa arganneerra; isa kan foonii amanachuu dhiifnee, Kristos Yesusiin of in jajna, hafuuraanis Waaqayyoof in hojjenna.
4Haa ta'u iyyuu malee, ani ofii kootii isa kan foonii iyyuu amanachuudhaaf sababii qabaachuu nan danda'an ture; namni biraa isa kan foonii kana amanachuudhaaf sababii qaba yoo of se'e, ani immoo isa caalaa iyyuu sababii qaba.
5Dhaladhee gaafa saddeetaffaan dhagna qabadhe; sanyii Israa'el, gosa Benyaamiin keessaan dhaladhe. Abbaan koo fi haati koo Ibroota waan ta'aniifis ani Ibricha makaa hin qabnee dha; karaa seera eeguu immoo ani warra Fariisotaa keessaa tokko.
6Seera sanaaf hinaafuu irraa kan ka'e waldaa amantootaa ari'achaan ture; qajeelummaan seericha eeguudhaan in argama utuu ta'ee, ani isatti mudaa hin qabun ture.
7Amma garuu Kristosiif jedhee, wanta bu'aa anaaf qaba ture hundumaa akka waan gatameetti lakkaa'eera.
8Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa'a; Kristosin bu'aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta'eera; akka kosiittis isa lakkaa'eera.
9Kanaanis ani kan Kristos ta'ee argameera. Egaa qajeelummaan koo isa seera eeguudhaan argamu utuu hin ta'in, isa Kristositti amanuudhaan argamuu dha; qajeelummaan kun Waaqayyo biraa in dhufa, amantii irras in dhaabata.
10Kanaafis isa duwwaa beekuu, humna du'aa ka'uu isaas miyeeffachuu, dhiphina isaa irraa, du'a isaa irraas hirmaachuu nan barbaada.
11Warra du'an keessaa kaafamuu biras nan ga'a jedheen aggaama.
12Kanas argadhee waanan guuttadheef miti; garuu Kristos kan isaa waan na godhateef, anis isa kana bira ga'ee harka koo keessa galfachuudhaaf duukaa kaachuutti nan jira.
13Obboloota ko, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin lakkaa'u. Haa ta'u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha.
14Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha.
15Nuyi hammi karaa hafuuraa bilchaatoo taane, kanatti yaadaan tokko ta'uun nu irra jira; waa'ee waan tokkoof yaada biraa yoo qabaattan garuu, Waaqayyo isas immoo isinitti mul'isuuf jira.
16Amma immoo kottaa isa bira geenye duwwaatti qabamnee in deddeebina.
17Obboloota ko, fakkeenya koo fudhachuutti waliif galaa! Akka fakkeenya nuyi isiniif kennineetti warra jiraatan ilaalaa!
18Waa'ee jara tokkoo kanaan dura akkuma ani si'a baay'ee isinitti hime, ammas boo'aa isinitti nan hima; isaan yaada fannifamuu Kristositti diina ta'anii in jiraatu.
19Dhumni isaanii badiisa, garaan isaanii waaqayyo isaanii ti; salphina isaanii ulfinatti in lakkaa'atu; yaada garaa isaaniis waan lafa irraatti in hidhu.
20Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti; ?Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos achii nuuf dhufa? jennee eegganna.
21Inni humna isaatiin bifa dhagna keenyaa isa gad deebi'aa diddiiree, akka dhagna isaa isa ulfina-qabeessaa gochuu in danda'a; humna kanaanis waanuma hundumaa of jala in galcha.