Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
18 verses
1Kanaafis akkuma araara Waaqayyoo fudhannetti, hojii ergaa kanaa hojjechuudhaaf abdii hin kutannu.
2Waan yeellaasisaa namni dhoksaatti hojjetu garuu dhiifneerra; haxxummaadhaan hin hojjennu, dubbii Waaqayyoos hin micciirru. Nuyi mul'ifnee dhugaa dubbachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti yaada garaa namootaatti of dhi'eessina.
3Wangeelli nuyi lallabnu yoo haguugame immoo, warra karaa badiisaa irra jiran duwwaadhaaf haguugame.
4Inni hamaan waaqayyicha bara si'anaa kana ta'e, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera.
5Nuyi ofii keenya utuu hin ta'in ?Yesus Kristos gooftaa dha? jennee in lallabna; nuyi immoo sababii Yesusiif hojjetoota keessan.
6Waaqayyo isa, ?Dukkana keessaa ifni haa ifu!? jedhetu, beekumsa ulfina isaa isa fuula Kristos irraa mul'atu ifatti baasuudhaaf garaa keenya keessatti nuuf ibse.
7Ammas nuyi warri wanta gati-jabeessa akkasii fudhanne kun, akka qodaa suphee ti; kana eeguudhaaf humni humna gara irraa kan keenya utuu hin ta'in kan Waaqayyoo ti.
8Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii hin kutannu.
9In ari'atamna, garuu hin gatamnu; lafaan dha'amna, garuu achumatti hin hafnu.
10Yesus jiraataa ta'uun isaa dhagni keenya jiraachuu isaatiin akka mul'atuuf, yeroo hundumaa milikkita du'atti geeffamuu Yesus dhagna keenyatti baannee in adeemna.
11Jireenyi Yesus foon keenya isa du'u keessaan akka mul'atuuf, biyya lafaa irra utuu jirruu sababii Yesusiif jennee gaaf hundumaa du'atti dabarfamnee in kennamna.
12Egaa duuni nu sodaachisaa jira; isin immoo jireenyatti jirtu.
13Caaffanni qulqullaa'aan, ?Nan amane kanaafan dubbadhe? in jedha; nus immoo hafuuruma amantii sana qabaannee amanne; kanaafis in dubbanna.
14Waaqayyo inni gooftaa Yesusin du'aa kaase, Yesusin waan kaaseef, nus immoo kaasee isinii wajjin of bira akka nu dhaabu in beekna.
15Akkuma ayyaanni Waaqayyoo caalaatti baay'atee irraa hafe, warri ulfina Waaqayyootiif galata dhi'eessanis akka baay'ataniif kun hundinuu isiniif ta'e.
16Kanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul'atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa in adeema.
17Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddatu sana baachuudhaaf nu qopheessa.
18Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla malee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.