Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
21 verses
1Godoon jireenya keenyaa, [kana jechuunis dhagni keenya,] lafa kana irraa yoo jige, ijaarsa harki namaa hin ijaarin, mana bara baraan bantii waaqaa keessa jiraatu, Waaqayyo biraa akka qabnu in beekna.
2Isa ammaa kana keessatti baay'ifnee in aadna, mana keenya isa waaqa irraas irrumatti dabalachuudhaaf in hawwina.
3Irratti dabalachuun keenyas isa duraa of irraa baafnee qullaa keenya akka hin argamneef;
4godoo keenya isa kana keessa lafa irra yeroo jiraannu, ba'aan nutti ulfaatee in aadna; kunis mana keenya isa waaqa irraa isuma kana irratti dabalachuudhaaf, kanaanis inni du'u jireenyaan akka liqimfamuuf malee, nuyi godoo keenya kana of irraa baasuu waan barbaanneef miti.
5Inni akeeka kanaaf nu qopheessu immoo, Waaqayyo isa hafuura isaa qabsiisa nuuf kennee dha.
6Kanaaf nuyi yeroo hundumaa ija jabina qabna; mana dhagna keenyaa keessa hamma jirrutti, mana gooftaa irraa fagaannee jiraachuu keenya in beekna.
7Nuyi amantiidhaan jiraanna malee, waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraanna miti.
8Nuyi ija jabina qabna; mana dhagna keenyaa kana irraas fagaannee, mana keenyatti gooftaa bira jiraachuun nuuf in wayya.
9Egaa mana dhagna keenyaa keessa jiraannus isa irraa fagaannus, gooftaa biratti fudhatamoo akka taanuuf in dhimmina.
10Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti utuu jiruu gaariis ta'e hamaas ta'e, akkuma hojjetetti waan isaaf ta'u akka argatuuf, nuyi hundumti keenya barcuma firdii Kristos duratti dhi'aachuuf jirra.
11Kanaafis nuyi goofticha sodaachuun maal akka ta'e beeknee, namoonni kana tole jedhanii akka fudhatan in goona. Nuyi maal akka taane immoo Waaqayyo biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitti beekamaa akka ta'es nan abdadha.
12Nuyi lammaffaa deebinee isinitti of dhi'eeffachuudhaaf miti; nuun akka of jajjaniif sababii isiniif in kennina; yoos warra keessa isaaniitiin utuu hin ta'in waan duubaan mul'atuun of jajaniif deebii kennuufii in dandeessu.
13Nuyi yoo qalbii dabarsine, Waaqayyoof qalbii dabarsine; qalbiin keenya guutuu yoo ta'e immoo isiniif qalbiin keenya guutuu ta'a.
14Namni tokko hundumaaf akka du'e, kanaanis namoonni hundinuu du'uu isaanii amannee waan fudhanneef, jaalalli Kristos nu qaba.
15Egaa warri jiraatan si'achi isa isaaniif jedhee du'ee, du'aa kaafameef malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf du'eera.
16Egaa nuyi ammaa jalqabnee, eenyuun illee akka alaan ilaalamutti hedanna miti; Kristosin iyyuu akka alaan ilaalamutti hedanne yoo ta'e, si'achi akkasitti isa hin hedannu.
17Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufeera.
18Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa ta'e; inni hojii araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne.
19Kunis, Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne.
20Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; ?Waaqayyotti araaramaa!? jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna.
21Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee cubbamaa isa godheera.