Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
18 verses
1Ani Phaawulos jaalala Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus ta'ee, akka abdii jireenya isa karaa Kristos Yesus argamutti kana caafuu koo ti.
2Haa ga'u gara Ximotewos ilma koo isa jaallatamaa! Waaqayyo abbaan, Kristos Yesus gooftaan keenyas ayyaana, araara, nagaas siif haa kennu!
3Waaqayyoon, isa ani akkuma abboota kootii yaada garaa qulqullaa'aadhaan hojjedhuuf, nan galateeffadha; kadhata koo halkanii fi guyyaa keessatti yeroo hundumaa sin yaadadha.
4Imimmaan kee yeroon yaadadhu immoo, si argee garaa guutuudhaan akkan gammaduuf sin yaada.
5Amantiin kee garaa qulqulluudhaan ta'uun isaa anatti yaadatama; amantiin inni dur akkoo kee Lo'is, haadha kee Ewuniiqee keessas ture sun, si keessas akka jiru nan amana.
6Kanaafis kennaa Waaqayyoo isa yeroo ani harka koo mataa kee irra kaa'e siif kenname, haaressitee akka ibiddaatti akka qabsiiftu sin yaadachiisa.
7Waaqayyo hafuura humnaa kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne.
8Egaa akka Waaqayyo humna siif kennetti, wangeelaaf rakkachuu keessaa qooda qabaadhu malee, gooftaa keenyaaf dhugaa ba'uu, waa'ee koo isa ani sababii Kristosiif jedhee hidhames hin yeella'in!
9Waaqayyo nu fayyisee isaaf akka qulqulloofnuuf nu waame; nu waamuun isaas akka akeeka isaatii fi akka ayyaana isaa isa durii durii jalqabee karaa Kristos Yesus nuuf kenneetti malee, akka hojii keenyaatti miti.
10Amma garuu ayyaanni isaa dhufa fayyisaa keenyaa Kristos Yesusiin nutti mul'ifameera; inni humna du'aa cabsee, jireenya, badiisa ooluus karaa wangeelaa ifatti baase.
11Ani wangeela kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa ta'een jira.
12Kanaafan amma itti dhiphachaa jira; ani garuu eenyutti akkan amane waanan beekuuf hin yeella'u; akkasumas inni wanta hadaraa anatti kenname kana, hamma guyyaa sanaatti eeguu akka danda'u nan amanadha.
13Dubbii sirrii isa ana irraa dhageesse sana geggeessaa godhadhuu duukaa bu'i! Amantii fi jaalala karaa Kristos Yesus argamutti qabamii geggeeffami!
14Wanta gaarii hadaraa sitti kenname sana hafuura qulqulluu isa nu keessa jiraatuun eegi!
15Akkuma ati beektu, warri kutaa biyya Asiyaa keessaa hundinuu ana irraa gara galaniiru; Fiigelosii fi Hermogenesis isaan keessa jiru.
16Oneesiforos garuu deddeebi'ee yaada koo haaresseera; gooftaan warra mana isaatiif araara haa kennu! Inni waanan hidhameef anattii deddeebi'uu hin yeellaane;
17akkuma mandara Roomaa ga'een dhimmee ana barbaadee, na argates.
18Guyyaa sanatti goofticha biraa araara argachuun isaa jaalala gooftaa haa ta'u! Efesoonittis hammam akka inni anaaf ergame ati iyyuu ba'eessa gootee in beekta.