Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
26 verses
1Ati immoo ilma ko! Ayyaana isa Kristos Yesus nuuf kennutti jabaadhu!
2Dhuga-baatota baay'ee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis ta'anitti hadaraa kenni!
3Akka loltuu Kristos Yesusitti dhiphina sana keessaa qooda qabaadhu!
4Namni loltuu ta'ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf hojii warra kaanitti lixuu in dhiisa.
5Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo'ichaa hin argatu.
6Qottuun hojii isaatti dadhabu duraan dursee ija midhaan isaatii irraa nyaachuun in ta'aaf.
7Wanta ani dubbadhu kanas itti yaadi, gooftaan waan hundumaaf hubannaa siif in kenna.
8Yesus Kristosin isa warra du'an keessaa kaafame, isa sanyii Daawit keessaa dhalate, akka ani wangeela koo keessatti lallabetti yaadadhu!
9Sababii wangeela isa ani lallabe kanaaf, akkuma nama hamaa godheetti hidhamee dhiphachaan jira; dubbiin Waaqayyoo garuu hin hidhamu.
10Kanaafis, warri fo'aman fayyina isa karaa Kristos Yesus dhufu ulfina bara baraa wajjin akka argatanitti, isaaniif jedhee waan hundumaa obsaan nan baadha.
11Dubbichi amanamaa dha; innis, ?Kristosii wajjin duuneerra yoo ta'e, isaa wajjin immoo in jiraanna;
12obsaan yoo dandeenye, isaa wajjin immoo in moona; yoo nuyi isa ganne, innis immoo nu ganuuf jira;
13yoo nuyi amanamoo ta'uu dhabaanne, inni ofii isaa ganuu waan hin dandeenyeef, inni akkuma amanamaa ta'etti in hafa? in jedha.
14Wal diduun namootaa warra dhaga'an diiga malee, waan tokkoof waa'ee akka hin baafne isaan yaadachiisi! Waaqayyo durattis isaanitti dhugaa ba'i!
15Ati akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella'u hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhama'i!
16Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa'aadhaan mormu irraa fagaadhu! Inni ittuma caalchisee nama Waaqayyoo ta'uu irraa nama fageessa.
17Dubbiin akkasii akka madaa foon nyaatee bal'achaa adeemuu ti; Himnewosii fi Filexoos warra dubbii akkasii dubbatan keessa jiru.
18Isaan kun ?Du'aa ka'uun kanaan dura ta'eera? jechuudhaan dhugaa irraa kaataniiru; amantii warra kaaniis gara galchaniiru.
19Haa ta'u iyyuu malee, hundeen Waaqayyo kaa'e jabaatee in dhaabata. Mallattoo, ?Gooftichi warra kan isaatii in beeka? kana malees, ?Namni goofticha maqaa dha'atu jal'ina irraa haa deebi'u!? jedhus in qabaata.
20Mana guddaa tokko keessa qodaa warqee irraa yookiis meettii irraa tolfame duwwaa utuu hin ta'in, qodaan muka irraa yookiis suphee irraa tolfames jira; kaan qodaa hojii ulfinaa itti hojjetanii dha, kaan immoo qodaa hojii salphinaa itti hojjetanii dha.
21Ammas namni warra wanta salphinaa hojjetan irraa yoo of qulleesse, qodaa ulfinaa in ta'a; akkasittis qodaa addaan ba'ee, gooftaa isaatiif waa'ee baasu, hojii gaarii hundumaafis qophaa'aa in ta'a.
22Ati immoo kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu, warra garaa qullaa'aadhaan maqaa gooftaa waammatanii wajjin qajeelina, amantii, jaalala, nagaa duukaas bu'i!
23Qoccolloo akka kaasan waan beektuuf, morkii gowwummaa isa toora hin qabnettis hin lixin!
24Hojjetaan gooftichaa nama hundumaatti gaarummaa argisiisuun, namoota barsiisuu danda'uun, waan hamaa obsaan namaaf danda'uun isaaf in ta'a malee, nama qoccoluun isaaf hin ta'u.
25Inni warra ittiin morman hafuura gara-laafinaatiin gorsee gara gaariitti deebisuun in ta'aaf; isaan dhugaa beekuu bira ga'uudhaaf yaada garaa isaanii akka geddarataniif Waaqayyo karaa in kennaaf ta'a.
26Yoos isaan qalbii godhatanii, Seexana isa jaalala isaa akka godhaniif kiyyoo isaatti isaan galche harkaa in ba'u.