Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
22 verses
1Waaqayyo duratti, Kristos Yesus isa warra jiranii fi warra du'anitti faraduuf jiru durattis, maqaa isa deebi'ee mul'atee, mootummaa isaas argisiisu sanaan cimsee sin gorsa.
2Dubbicha lallabi, ?Kun yeroo dha, kun yeroo miti? utuu hin jedhin qophaa'ii argami! Nama balleessaa isaa hubachiisi, ifadhu! Obsa hundumaan gorsi barsiisis.
3Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira; bara sanas akka hawwa isaaniitti, barsiisota wanta gurra isaaniitti tolu isaan barsiisan walitti in sassaabbatu.
4Isaan dubbii dhugaa dhaga'uu irraa gara galanii, gara mammaaksa amantiitti in goru.
5Ati garuu waan hundumaatti gara itti gortu beeki! Dhiphina obsaan baadhu! Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun ta'uuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu!
6Yeroon dhiigni koo akka dhibaayuutti dhibaafatamu dhi'aateera! Yeroon itti ani jireenya kanattii hiikamus ga'eera.
7Wal'aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera.
8Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa'amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna; ana duwwaaf utuu hin ta'in, warra deebi'ee mul'inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna.
9Ariitiidhaan gara koo dhufuuf dhama'i!
10Deemaas biyya lafaa kana jaallatee, ana buusee mandara Tasaloniiqee dhaqe; Kresqes biyya Galaatiyaa, Tiitoosis immoo biyya Dalmaatiyaa dhaqe.
11Luqaas duwwaatu na bira jira; yeroo dhuftu, Maarqosin of duukaa fidii kottu! Inni anaaf ergamuudhaan waa'ee anaaf in baasa.
12Xikiqoosin immoo mandara Efesoonitti ergeera.
13Yommuu dhuftu waaroo ani Kaarphos biratti Xro'aasitti dhiise, macaafotas addumaan immoo maraa caaffatoota gogaa duugamaa anaaf fidi.
14Iskindir inni sibiila tumu baay'isee hamaa ana irratti hojjete; gooftichi akka hojii isaatiitti isaaf in deebisa!
15Inni jabeessee dubbii keenyaan waan mormeef, atis isattii of eeggadhu!
16Gaafa ani dura yaa'ii duratti dhi'aadhee falmadhe, hundumtuu na buusan malee, namni na bukkee dhaabate tokko illee hin argamne; gooftaan kana isaanitti hin lakkaa'in.
17Garuu wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf, warri saba Waaqayyoo hin ta'inis akka isa dhaga'aniif gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse; afaan leencaas na oolche.
18Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha; na fayyisee mootummaa isaa isa waaqa irraatti na geessa; isaaf baruma baraan galanni haa ta'u! Ameen.
19Phrisqiilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesiforosittis nagaa koo anaaf himi!
20Erasxos Qorontositti hafe; Xrofimoos immoo dhukkubsannaan ani mandara Miilexositti isa dhiise.
21Utuu ganni hin lixin dhufuudhaaf dhama'i! Yubulos, Phudenis, Liinos, Klaawudiiyaan, obboloonni hundinuu nagaa siif ergu.
22Gooftaan hafuura kee wajjin haa ta'u! Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessanii wajjin haa jiraatu!