Loading Bible Translation
First-time download in progress. This may take a few seconds…
Oromoo New Testament Wordproject Bible
16 verses
1Ani Phaawulos amantii fi dhugaa beekuu warra Waaqayyoof fo'amanii, akka namoota Waaqayyoof ta'utti dammaqsuudhaaf, hojjetaa Waaqayyoo fi ergamaa Yesus Kristos ta'ee kana caafuu koo ti;
2abdii jireenya bara baraa, isa Waaqayyo inni matumaa hin sobne, bara durii jalqabee abdachiise yaadachiisuu koo ti.
3Yeroo isaaf ta'ettis Waaqayyo fayyisaan keenya karaa lallaba isa abboommii isaatiin hadaraa anatti kenname sanaa, dubbii abdii sana mul'iseera.
4Gara Tiitoos isa karaa amantii walii wajjin qabnu, ilma koo dhugaa ta'e! Waaqayyo abbaan, Kristos Yesus fayyisaan keenyas ayyaanaa fi nagaa siif haa kennu.
5Sababiin ani Qareexis biyya bishaan keessaatti si hambiseefis wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiiftuuf, mandaruma mandarattis akkuma ani si argisiisetti jaarsolii hojii waldaa geggeessuu irra akka dhaabduuf ture.
6Namni hojii akkasii irra dhaabatu immoo waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama haadha manaa tokkittii, ijoolleen isaa kan amanan malee, gad-dhiisatti jiraachuu isaaniitiin yookiis abboomamuu diduu isaaniitiin kan hin hadheeffamin haa ta'u!
7Ilaaltuun hojii waldaa tokko, hojii Waaqayyoo in adeemsisa erga ta'ee, waan ittiin jedhan kan hin qabne ta'uun isa irra jira; ofii isaa malee warra kaan kan hin gammachiifne yookiis nama dafee aaru yookiis machaa'aa yookiis nama lola jaallatu, nama bu'aa karaa dalgaa argachuuf sassatu ta'uun isa irra hin jiru.
8Nama keessummaa simachuu jaallatu, nama waan gaarii jaallatu, nama of qabu, nama qajeelaa, qullaa'aa, nama adaba qabus haa ta'u;
9barsiisa sirrii sanaan gorsuu, warra isaan mormanitti immoo balleessaa isaanii itti mul'isuu akka danda'utti, akka barsiisicha ofii fudhatetti dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatee qabamuun isa irra jira.
10Namoonni hin abboomamne, warri dubbii midhaan hin qabne dubbatan, warri nama wallaalchisan baay'een jiru; addumaan immoo isaan kun warra garee seera dhagna-qabaa eegan keessaa ti.
11Isaan bu'aa nama yeellaasisu argachuudhaaf waan barsiisuun isaaniif hin taane barsiisuudhaan, mana guutuu waan gargar diiganiif, afaan isaan qabachiisuun in ta'a.
12Isaanuma keessaa tokko, raajiin ofii isaanii, ?Warri Qareexis yeroo hundumaa sobduu dha, bineensota hamoo dha, albaadhota, dhibaa'oo dhas? jedhee ture.
13Kanas dhugaa dubbate; kanaafis amantii isaaniitti seelkoo akka hin qabaannetti, cimsii balleessaa isaanii itti mul'isi!
14Si'achis mammaaksa amantii isa kan Yihudootaa, abboommii namoota warra dhugaa irraa gara galanii duukaas akka hin buune godhi!
15Warra qullaa'aniif wanti hundinuu qullaa'aa dha, warra xuraa'oodhaaf warra hin amanneef garuu, wanti tokko illee qullaa'aa miti; sammuun isaanii fi yaadni garaa isaanii iyyuu xuraa'aa dha.
16Isaan Waaqayyoon in beekna jedhu, hojii isaaniitiin garuu isa in ganu; isaan ofii isaaniitii jibbamoo, warra hin abboomamne, warra qoramanii hojii gaarii tokkoof illee gatii dhabanii dha.